Zuwaay Dugdaa

Aanaan Zuwaay dugdaa aanolee godina Arsii keessaa ishee beekkamtu dha. Aanaan tun haalli qileensa ishee bakka lamatti qoodama. Isaanis: gara bahaatiin badda daree, irra jireessi ishii gammojjiidha. Magaaalan guddoon aanaa tanaa Ogolchoo jedhamti. Maqaan magaalichaas maqaa gosa aanaa kana keessa jiraatu keessaa maqaa gosa Ogolchoo jedhamuutiin mogga'e. Gosoota aanaa kana keessa jiraatan keessa muraasni: JILIINSHAA ABBUREE HAMBEENTUU HUMMANOOSA JAAWWI FARSAANA BAADOSA ABAARGADAA GOLANUURA GOOFANGIRA WEEGE Heexosaa Qalboo OGOLCHOO HABURAA FI ISAAN BIROOS JIRU. Hanga bara 2008titti aanatiin gandoota sodomii shan qabdi. Lagni guddan Kataar jedhamu aana tana keessatti argama. Lagni kunis yeroo ammaa misooma xinnof olaa jiraatus, humna gudda aanicha fi godinaaf ta'u ammas ni qaba. Laga kana irra iddooleen bashananaaf ta'an heddutu jiru. Isaan keessa: caffee sheetamaataa,riqicha shiboo ganda dugda'aa baatuu fi ganda uushittii sheetamaataa wol qunnamsiisu, fincaa'aa shaayee,riqicha ganda hallo fi magaalicha wal agarsisu isaan muraasa. hayyota bebeekamoo aanaa kana keessatti dhalatan keessaa muraasni:

  1. Jaal Nadhii Gammadaa
  2. Jeneraal Kamaal Galchuu
  3. Dr Geeba Hamda
  4. Artist Qurujjee Sinbo
  5. Obbo Gammachuu Dubbisoo fi kkf kkf

kannen biroo fi isaanan amma lafaa dhufaa jiranis ni jiru.


From Wikipedia, the free encyclopedia ยท View on Wikipedia

Developed by Tubidy